Gochi Haaloo Ba’iinsaa Raawwatamuu Mala Sodaa Jedhu Qabu Barattonni: Angawaa

  • Jaallannee Gammadaa

Yunivarsitii Waldiyaa keessatti haala uumamee irraa ka’uun dhaabbattota barnoota sadarkaa olaanaa kanneen Oromiyaa keessatti gochi haaloo ba’iinsaa rawwatamuu mala sodaan jedhu kan jiru ta’uu ibsamee jira.

Dhaabbattoota barnoota sadarkaa olaanaa keessatti haala nageenyaa yeroo amma jiru kan ilaaleen ministeera saayinsii fi barnoota sadarkaa Olaanaatti Daarekteera komunikeeshinii kan ta’an Obbo Dachaasaa Gurmuu akka jedhantti yaaddoo keessumaa dhaabbattoota barnoota sadarkaa olaanaa kanneen Oromiyaa keessaa mudate kana dhabamsisuuf barattoota waliin marii gaggeessuu fi humnootii nageenyaa bobbaasuun itti fufee jira.

Yunivarsitiwwan fi Kooleejoota Oromiyaan ala jiranis haalli keessatti uumamuu malu waan hin beekamneef jecha barattoota waliin marii gaggeessuu fi humnootii nageenyaa ramadamuu ibsan. Waluumaagala garuu nagaan bu’uu kan danda’u humnootii nageenyaa bobbaafamaniin qofa otoo hin taane barattoota hawaasni dhaabbata Barnootaa keessa jiru hundi, bulchiinsii naannoo akkasumas uummanni naannoo yoo itti hirmaate qofa ta’uu hubachiisan.

Gaaffii fi Deebii Gaggeefame Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gochi Haaloo Ba’iinsaa Raawwatamuu Mala Sodaa Jedhu Qabu Barattonni: Angawaa