Hidhamtoonni Akka Wabiin Gada-lakkisaman Manni-murtii Ajajeyyuu, Poolisiin Gad-lakkisuu Dide: Abukaatoon Isaanii

Faayilii - Yaasoo Kabbabaa

Kanneen himannaan shororkeessummaa irratti dhihaatee ture Yaasoo Kabbadaa, Firaaol Indaalammaa fi namoonni biroon afur Amajjii 4 bara 2012 mana-murtiitti dhihaatanii eega mirgi wabii eegameefii booda hanga har'atti akka mana hidhaatii hin hiikamiin dubbatu, maatii fi abukaatoon isaanii.

Abukaatoon namoota kanneen Raadiyoo Sagaalee Ameerikaatiif akka himanitti maatiin namoota kanneenii maallaqa wabiif akka qabsiisan manni-murtii ajaje ka baasan ta’e iyyuu Obbo Yaasoon faa garuu ammallee manuma hidhaa jiran. “Poolsii tu ajaja mana-murtii hojii irra oolchuu dide,” jedhu – Abukaatoon isaanii. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Yaasoo Kabbadaa fi Hidhamtoonni Ka Biroon Akka Wabiin Gada-lakkisaman Manni-murtii Ajajeyyuu, Poolisiin Gad-lakkisuu Dide