Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Doolaara miiliyoona 2.3 weerara Hawaannisaa to’achuuf ramadde


Mootummaan keeniyaa weerara hawaannisaa biyyattii keessatti mul’ate to’achuuf doolaara miiliyaana 2.3 ramaduu isaa beeksise. Ministarri Qonnaa biyyattii weerarri hawaannisaa ji’a Hagayyaa darbee kaasee naannoo biyyattii adda addaatti akka mul’ate dubbata.

Keeniyaan weerara hawaannisaa ishee mudate to’achuuf Shiiliingii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona kuma 30 ramaduu beeksiste. Ministirri Waajjira Qonnaa Mootummaa Keeniyaa Peeter Muunyaa kaleessa yoo gaazexeessitootaaf himan akka jedhanitti ministeerri maallaqaa Keeniyaa weerara hawaannisaa biyyattii mudateef faluuf bajata doolaara miiliyoona 2.3 tti tilmaamamu baasii taasiseera jedhan.

Ministirri Qonnaa Keeniyaa Mr. Muunyaan Hawaannisi kun biyyoota ollaa Itiyoophiyaa fi Somaaaliyaa gara Keeniyaa akka seene himanii, kutaalee bulchiinsaa Keeniyaan qabdu 47 keessaa 8 weerara kanaan miidhamuu dubbatan. Kana to’achuufis mootummaan Keemikaala farra ilbiisaa hawaannisa kanatti roobsuuf akka ta’e himanii, kanaafis dhaabbata weerara hawaannisaa qolu ka gaanfa afrikaarraa xiyyaarri lamallee akka argame dubbatan.

Haga yoonaas xiyyaaronni kun lameen kutaalee bulchiinsaa saddeet keessaa torbatti hojii jalqabuu himanii jiru.

Kutaalee bulchiinsaa Keeniyaa keessatti argaman ka hawaannisi weeraree rakkisaa jiru sadddeet keessaa sadii, jechuun, Maarsabiit, Wajiir fi Mandheeraan Itiyoophiyaan warra wal daangessani. Torbee darbe kanaa kaasees hawaannisi kun godinaalee booranaa aanolee hunda keessatti qubatee biqilaa fi margarratti balaa geessisaa jira. Harras Aana Mooyyalee gandootii baaadiyyaa hedduu keessattii mullachuu jiraataan mooyyalee obbo Mi’oo Huqqaa ni dubbatu.

Obbo Mohaammed Xiyyaarri qoricha roobsuuf qophaaye ga’aa akka ta’e himanii garuu irra deddeebiin bakki hawaannisi kun bulu ykn turu adda baasuun baayyee rakkisaa tahuu dubbatu.

Dhumarrattis Obbo Mohaammed weerara Hawaannisaa kanaan boorana aanaa taltallee fi elwayyee keessatti midhaan hektaara kuma 2 fi 20 ol manca’uu himanii jiru.

Keeniyaan Doolaara miiliyoona 2.3 weerara Hawaannisaa to’achuuf ramadde
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:16 0:00


XS
SM
MD
LG