Baalli Kanaabis Dire Dhawaatti Baramaa Dhifuun Rakkoo Uumaa Jira Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchiisi naannoo Dirre Dhawaa, baala sammuu darreessu, kan ‘Kaanaabis’ jedhamu naannoo sanatti biqilchuu fi gurguruun akka rokkoo uumaa jiru dubbata.

Koomishinarri Koomishinii Poolsii Magaalaa Dirre-Dhawaa – Obbo Gammachuu Kaachaa VOAf ibsa kennaniin, “halkan dabre qofa, qarqabbii Kanaabis guguddaa afur qabne,” jechuu isaanii – Addis Chekkol Dirre-Dhawaa irraa gabaasee jira.