Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhattoota ‘Shanee” Ittiin Jedhu Kuma Lamaa Ol Irratti Tarkaanfii Fudhadhe, Jedha

Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Obbo Haayiluu Addunyaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ibsa har'a gaazexessitootaaf kennerratti, "Erga labsiin yeroo muddamaa labsamee as hidhattoota Shanee kuma lamaa ol naannicha keessa socho'an irratti tarkaanfii fudhadheera" jedhe.

Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, obbo Haayiluu Addunyaa, "hidhattootni dhibbaan lakka'aman ammoo gama abbootii gadaan harka isaanii kennataniiru" jechuun ibsaniiru.

Dhimma kanarratti, hidhattoota "Waraana Bilisummaa Oromoo" jedhanii of waaman, ka mootummaan ammoo "Shanee" jedhee waamurraa hanga ammaatti wanti dhaga'ame hin jiru.

Gama biraan, obbo Haayiluu Addunyaa, godinaalee garaa garaa keessaa namoota sababaa balaa uumamaafi nam-tolcheen qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif gargaarsi taasisamaa jira jechuun dubbataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa