Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed Walga'ii Waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa Irratti Argamuuf Braasils Seenan

  • VOA

FAAYILII - Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed, walga’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa irratti argamuuf har’a magaalaa Braasils seenanii jiran. Eega walitti-bu’insi Itiyoophiyaa gama Kaabaa keessatti uumame as yeroo duraatiif gara Awurooppaa Lixaatti kan imalan, Muummichi-ministaraa Abiyyi prezidaantii Mana-maree Gamtaa Awurooppaa – Chaarilis Micheel wajjiin walga’anii dubbachuu isaanii, waajirri isaanii fuula meediyaa hawaasummaa isaa irratti ibsee jira.

Muummichi Ministaraa Abiyyis, fuula twiiterii isaanii irratti barruu maxxansaniin, “Walga’ii waloo ka Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa tii dura michuu kiyya Prezidaant Chaarlis Micheel waliin wal geenyee jirra. Hariiroo Gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa, akkasumas, dhimma godinaa fi ardii keenyaa irratti marii bu’a-qabeessa geggeessinee jirra,” jedhanii jiran.