Bakkawwan Hidhattoonni Socho’anitti Rakkoo Nageenyaa Furuuf Hojjetaan Jira, Jedha Mootummaan Naannoo Oromiyaa

Itti-gaafatamaan Biroo Komiyunikeshinii mootummaa naannichaa – Obbo Hayiluu Addunyaa

Bakkawwan hidhattoonni garee mootummaan Itiyoophiyaa ‘Shanee’ jedhee waamuu fi ofii ‘Waraana Bilisummaa Oromoo’ ofiin jedhan socho’aa jiru jedhametti rakkoo nageenyaa furuuf kan hojjetaa jiru tahuu mootummaan naannoo Oromiyaa beksisee jira. Itti-gaafatamaan Biroo Komiyunikeshinii mootummaa naannichaa – Obbo Hayiluu Addunyaa, hojiiwwan geggeessamaa jiran ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu fi hojiiwwan siyaasaa hojjechuu kan dabalatu tahuu dubbatan. Paartiin mormituu Oromiyaa keessa socho’u Kongirasiin Federaalawa Oromoo gama isaatiin ibsa baaseen, mootummaan garee hidhattootaa waliin marii araaraatti seenuu qaba, jedhee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Biroo Komiyunikeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Haala Yeroo Irratti Ibsa kenne