Mootummaan Itiyoophiyaa hidhattoonni TPLF Affaar keessaa hin bane jedha

  • VOA

FAAYILII - Magala guddoo Afaar, Samaraa

Umnoottan TPLF Bulchiinsa naannoo Affar keessatti bakkeewan qabataanii jiraa akka guutummaatti gadilakkisanii hin baanee mootummaan Itiyoophiyaa ibsee jira.

Ministirrii dhimama kominikeshiinii Mootummaa Itiyoophiyaa Dr. Leggese Tulluu dhimmaa kana irratti ibsaa VOA dhaaf kennaniin , ummata Tigraayiif akka gargaarsii namoomaa qaqqabuu danda’uuf hidhattoonni TPLF naannoo Affar keessaa Guutumaatti bahu akka qaban dubbachuu isaanii gabaasin Masfin Arragee ibseera.

SEE ALSO: Kokolaataan Gargaarsa Fe’an Gara Tigraay Deemaa Jiru: Mootummaa Itiyoophiyaa

Dhabbataa oduu Rooyiterti kan dubbatan komishinariin poolisii bulchiinsaa naannoo Affaar Ahimad Hariif gamaa isaaniitin Umnoonni TPLF Magaala Abi’alaa keessaa bahanus, ammas naannoo Affar keessatti bakkeewwan Sadii qabatanii akka jiran himaniiru.

Karaa biraatiin Dubbi himaan TPLF Geetachew Radda haalaa gargaarsii namoomaa ummta Tigraayif dhihachuu qabu mijeessuudhaaf hidhattoonni isaanii guutummatti Affariin gad lakkisanii bahu isaanii akka ibsan Rooyiters gabaaseera.

SEE ALSO: Imala Nagaa Eegsisuuf Sudaan Keessa Kan Turan Dhalattonni Tigraay Biyya Ofitti Deebi’uu Diidan

Rooyiters akka itti dabaluudhaan gabaasetti ji’a darbee ergaa tarkaanfiin dhukaasaa dhaabuu fudhatamee as guyyaa guyyaatti konkola’attoonii gargaarsa namoomaa 100 Tigraayiin akkka seenuu qaban dhaabbanii mootumootaa gamtoomanii barbaadus amma ammatti konkola’attonii Tigrayiin seenuu danda’an 144 qofa.