Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Sirna Badhaasaa Qopheessaa Jira

Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa harra ibsa yeroo kennu, Waxabajjii 15, 2022

Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa sirboota Afaan Oromoo irraatti xiyyeeffate waxabajjii 29 bara 2022tti sirna badhaasa 'Haacaaluu Hundeessaa Award' jedhamu gaggeessuf akka qophaawe ibsamera.

Walitti qabduun Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa fi haati warraa Artiist Haacaaluu aadde Faantuu Damisoo sirni badhaasa yeroo jalqabaaf qopha'ee kun sirboota afaan oromoo dameelee kudhaniin dorgomisiise kan badhaasu dha jechuun Ibsaniru. Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.