Hiriyoota Amboo Yunivarsiitii keessatti Qabxii Olaanaa fidan

Your browser doesn’t support HTML5

 Hiriyoota Amboo Yunivarsiitii keessatti Qabxii Olaanaa fidan

Hiriyootni Sadan waliin qabxii olaanaa fiduun Yunivarsiitii Amboo keessatti, barnoota Saayinsii Kompiyuutaraan qabxii olaanaa fiduun badhaasaman, waliin qayyabachuun isaanii qabxii kana akka argatan isaan dandeessisuu Sagalee Ameerikaatti himan.

Eliyaas Hirphaasaa A+ 40 fi A 6, Baqqala Yaadasaa A+ 37 fi A 9, Zarubaabel Malaakuu A+ 33 fi A 13 fiduun, Sadan isaaniiyyuu qabxii 4 fiduun Yunivarssitii Amboorraa 1ffaa hamma 3ffaatti bahuun badhaasa argataniiru.

Naakoor Malkaa dargaggoota kanneen dubbisuun gabaasa itti aanu kana ergeera.