Oromiyaa Keessatti Barattoonni Kuma 50 Ol Tahan Rakkoo Nageenyaatiin Barnoota Addaan Kutuun HImame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e barattoonni kuma shantamaa ol tahan barnoota isaanii dhaabuu, Biiroon Barnootaa Oromiyaa beekisee jira.

Hoogganaan biiroo sanaa, Dr. Tolaa Bariisoo ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, “Naannoolee rakkoo nagaa qaban keessatti manneen barnootaa miidhaman suphuu fi barattoota barnoota isaanii addaan kutan, bakkawwan nageenyi fooyya’etti barnootatti deebisuuf hojjetamaa jira” jedhan.