Mootummaan Naannoo Oromiyaa Riphxee-loltoota Nannicha Keessaa Haleelee Dahabsiisuu Dubbata  

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Riphxee-loltoota Nannicha Keessaa Haleelee Dahabsiisuu Dubbata  

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa har’a miidiyaaleef kenneen hidhattoota Oromiyaa keessa socho’am mootummaan Itiyoophiyaa “shanee” jedhee waamu, kan Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan irratti tarkaanfii fudhachuun dadhabsiisuu dubbatee jira.

Hoogganaan biiroo koomunikeesiinii Oromiyaa Hayiluu Addunyaa ibsa kennaniin “gareen kun barbada’eera. Garii ajjeesamanii, kaan booji’amaniiru,” jedhanii, mootummaan garee kana waliin marii nageenyaa gaggeessuuf qophii akka hin ta’iin dubbatan.

Dubbbi-himaan idil-addunyaa WBO, Obbo Odaa Tarbii ammoo gama isaaniin, “ibsi mootummaan Oromiyaa kenne kunii fi haalli qabatamaan lafa jiru, wal-faallaa dha,” jechuun deebii kennan.