Wallagga Bahaa Keessatti Buqqaatonni Gargaarsa Dhabuun Rakkataa Akka Jiran Himatu

Your browser doesn’t support HTML5

Wallagga Bahaa Keessatti Buqqaatonni Gargaarsa Dhabne jechuun himataa jiran

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaafi Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Kaamaashii Aanaa Yaasoo irraa sababaa rakkoo nageenyaa buqqa’anii, Wallagga Bahaa Aanaalee adda addaa keessa qubatanii akka jiran kanneen VOAtti dubbatan – boqqaatonni hagi tokko “gargaarsa dhabuutiin rakkataa jirra,” jedhu.

Itti Gaafatamaan Waajira Buusaa Gonofaa Godina Wallagga “Daandiin cufamee turuufi sababaa rakkoo nageenyaatiin gargaarsa gahaa qaqqabsiisuu hin dandeenye ture,” jedha. Gargaarsi taasifamu baay’ina buqqaatotaan akka hin madaalle illee dubbata.