Institiyuutiin Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo Dhiheenya Hundeessame

Your browser doesn’t support HTML5

Institiyuutiin Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo Dhiheenya Hundeessame

Seenaa, afaanii, aadaa fi artii Oromoo ragaan deggeree qorachuutti fuuleffatee bara kana keessa kan hundeessame Institiyuutiin Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo, Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuuf gaaffiilee hayyoonni dhiheessaa turaniif deebii kennee jira, jedhu daarektarri instiitiyuutichaa - obbo Dirribaa Tarrafaa. Hayyoonni Akkaadaamii Afaan Oromoo hundessuuf hojjeecha turan immoo, “lakkii, Inistiitiyuutiin kun hundeessamuun gaaffii waa’ee akkaadaamii afaaniif deebii miti. Gaaffichi ammallee deebii hin arganne,” jedhan.