Hoogganoonni ABO Sadarkaa Adda Addaa Manni Murtii Akka Hidhaadhaa Hiikaman Murteesse Ammallee Hin Hiikamne, Jedhame    

Your browser doesn’t support HTML5

Hoogganoonni ABO Sadarkaa Adda Addaa Manni Murtii Akka Hidhaadhaa Hiikaman Murteesse Ammallee Hin Hiikamne, Jedhame   

Koree hoji raawwachiistuu fi koree giddu galeessaa ABO dabalatee hooggansi sadarkaa adda addaa irra jiran kan Qajeelcha Poolisii magaalaa Burraayyutti hidhamanii jiran, manni murtii magaalaa Burraayyuu akka bilisaan gad dhiisaman murteesseyyuu ammallee mana hidhaatii hin baane jechuun abukaatoon isaanii Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Itti aanaan koree dhaabbii dhimmoota seeraa, bulchiinsaa fi diimokiraasii kan mana maree bakka bu’oota Itoophiyaa immoo, “namoota manni murtii bilisaan gadi dhiise qaamni raawwachiistuu ykn poolisii osoo hin hiikin tursiisuuf mirgaa hin qabu.” Jedhan. Manni murtii waliigalaa federaalaa gama isaatiin naannolee keessatti rakkoon ajaja mana murtii raawwachiisuu dhabuu bal’inaan waan jiruf furmaata argachuu qaba, jedhee jira.