Manni Foonii Daattoo Kan Kan Ambotti Argamu Hundumtuu Quufee Keessaa Nyaatu Abbaa Hiyyeessaati:Maamiltootni

Your browser doesn’t support HTML5

Manni Foonii Daattoo Kan Kan Ambotti Argamu Hundumtuu Quufee Keessaa Nyaatu Abbaa Hiyyeessaati:Maamiltootni

Manni Foonii “Daattoo Beet” jedhamuun beekamu Magaalaa Amboo keessaa, ganda “Torban Kuttaayee”, bakka “Gabaa Araadaa” jedhamee waamamutti argama.

Maammiltootni, Manni Foonii Daattoo kan hundumtuu quufee keessaa nyaatu, abbaa hiyyeessaati” jedhu. Mana Foonii kana wanti adda taasisu Foon Sangaa alatti gurguramuun ala, namootni waan nyaachuu barbaadan bitatanii, diinqatti ol darbanii garee gareedhaan hojjatatanii bakka itti nyaatan tahuu hubanne. Keessumaa dhiirotni yeroo dheeraa hojjachuu isaaniirraa kan kahe “Kaameyyii” tahaniiru jechuun ni danda’ama.

“Yoo maammilootni nyaata ofii hojjatachuu barbaadan, manneen nyaataa uffata nyaata itti blicheessan guutuun maammilootni bakka nyaati itti hojjatamu seenanii akka hojjatatanii nyaatan taasisuutu isaan irraa eegama” jedhan, Qindeessaan Qulqullinaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaalaa Amboo Obbo Mulunaa Gonfaa.