Godambaan Oromiyaa Finfinnee Jiru Qabiyyeelee Oromiyaa Beeksisuun Qooda Guddaa Gumaachaa Jira, Jedhama

Your browser doesn’t support HTML5

Godambaan Oromiyaa Finfinnee Jitu Qabiyyeelee Oromiyaa Beeksisuun Qooda Guddaa Gumaachaa Jira, Jedhama

Handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinneetti kan argamu Godanbaan Oromiyaa walii gala jedhamuun beekamu Oromiyaa fi Ormoon waan qabu ibsuu keessatti qooda ol’aanaa gumaachaa jira, jedhu Daarektarri Giddu gala Aadaa Oromoo Geetuu Biranaa eeran.

Godaanbaa Oromiyaa kana keessatti ogeessa aadaa ka tahan Obbo Xurunaa Rabbumaas godaambichi qabiyyeelee jiruu fi jireenya Oromoo mul'isan hedduu akka of keessaa qabu dubbatu. Tsahaay Daamxoo Godanbaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee Giddu Gala aadaa Oromoo keessatti argamu kana daawwachuun qophii qindeessite qabdi.