Dhibeen Gifiree Baalee Bahaa Keessatti Daa’imman Afur Ajjeesuun Himame  

Your browser doesn’t support HTML5

Dhibeen Gifiree Baalee Bahaa Keessatti Daa’imman Afur Ajjeesuun Himame

Dhibeen gifiraa Baalee Bahaatti mudataa jiru haga yoonaa daa’imman afur ajjeesuu Waajjirri Fayyaa godinichaa beeksisee jira. Itti Aanaa hoogganaan waajjira fayyaa Baalee Bahaa, Obbo Abdurrahimaan Ibraahim Godaanaa, daa’imman afran kun mana yaalaa utuu hin gahiin lubbuun isaanii dabruu eeranii, dhibee kana to’annaa jala oolchuudhaaf talaallii kennuuf akka waajirri isaanii qophiitti jiru ibsan.