Irreechi Waashingtan Diisii Keessatti Ayyaaneffame   

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Irreechi Waashingtan Diisii Keessatti Ayyaaneffame

Ayyaanni Irreechaa dhalattoota Oromoo Waashingtan Diisii fi naannawa ishee jiraatan, akkasumas, kutaalee Yunaayitid Isteetis biroo fi Kanaadaa irraa dhufaniin Dilbata kaleessaa as Waashingtan Diisii keessatti ayyaaneffamee jira.

Hirmaattonni ayyaanichaa, yaadannoo Prezidaantii Yuyaayitid Isteetis duraanii, Abrahaam Linken, ka Linkon Memoriyaal Jedhamu fuul-dura ka jiru haroo nam-tolchee seena-qabeessa “Rifilekshin Puul” jedhamuun beekamutti hirreeffatan.

Kaleessa guyyaa ka roobaa oole taheyyuu, uummatni bakka waggaa waggaatti walga’anii hirreeffatanii fi sirba aadaa waliin sirban kana irraa hin oolle. Namoonni harka caalaan huccuu aadaatiin mimmiidhaganii, garii, ogobora qabatanii, kaan aguuggiilee adda addaa qabatanii walga’an.