Dhimma Obbo Zammanee Kaasee Irratti Guyyaa Dabalataa Manni Murtii Kennee Jira

  • VOA

FAAYILII - Magaala Bahir Dar

Miseensa garee sochii Ginbot Torbaa fi Adda gootoota Ummata Itiyoophiyaa kan turan Zammanee Kaasee poolisiin akka qoratuuf Manni murtii magaalaa Baahirdaar guyyoota dabalataa 7 kennee jira.

Komishiniin poolisii bulchiinsa naannoo Amaaraa Zammane Kaasee to'annoo jala ooluu kan beeksise baatii darbe ture. Akka abukaatoon Obbo Zammane jedhanitti, Poolisiin mana murtiitti “Zammaneen gareewwan seeraan alaa hidhatan gurmeessuun jeequmsa kakaasuun shakkameera jechuun manamurtiitti dubbatee jira.

Dhaabatonni lamaan Obbo Zemeenee kaasee fi looltonni kanneen biroon miseensa itti ta’an sun hanga bara 2018 wal waraansii dhaabateetti Ertraa keessatti hundeeffamanii achi turan.Sana booda bara 2018 gara biyyaatti deebi’an.

Mootummaan Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi bulchiinsii naannoo teessoon isaa Baahir Daar ta’e miseensoota hanga tokko kan gareelee seeraan ala hidhatan maqaa Faannoo jedhamuu jalatti sosso’an waamaman himatuu jechuun Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa gabaastee jirti.