Lammiwwan Itiyoophiyaa Biyya Ishee Keessa Jiran Baatiilee 18’f Akka Turuu Danda’an Yunaayitid Isteetis Eyyamte  

  • VOA

Buufata xiyyaaraa Foort Woorz Internaashinaal (Suuraa Faayilii)

Sababaa Haala Nageenyaa Itiyoophiyaan Wal Qabatee Lammiwwan Itiyoophiyaa Biyya Ishee Keessa Jiran Baatiilee 18’f Akka Turuu Danda’an Yunaayitid Isteetis Eyyamte

Ministerri Tiuka Nagaa biyyaa ka Yunaayitid Isteetis ykn “Department of Homeland Security” jedhamee beekamu lammiilee Itiyoophiyaa yunaayitid Isteets keessa eegumsaa yeroofii ykn Temporary Protected Status jedhamuun turanii, yoo biyyatti deebi’an rakkoon nageenyaa isaan mudachuu danda’a jedhameef ji’oottan 18 dhufaaniif akka Itiyoophiyaatti deebifamuuf hin dirqisisamne, akka turuu danda’an eyyama haromisuufi murteesuu isaa beeksisee jira.

Ministerri Tika Nagaa Biyyaa Alehaandiroo N. Mayoorkaa “rakkina walti bu’insaa fi balaa umamaatiin walqabateen yoo biyyatii deebi’an waan rakkoon isaan mudatuuf amma haalli fooyya’utti akka Yunaayiitid Isteets keessa turan taasisama“jedhaniiru.