Magaalaa Mandii Keessatti Haleellaa Dirooniitiin Siiviloonni Baay'een Du'an, Jedhu Jiraattonni

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Mandii Keessatti Haleellaa Dirooniitiin Siiviloonni Baay'een Du'an, Jedhu Jiraattonni

Wallagga lixaa aanaa Manasibuu magaalaa Mandii keessatti kaleessa haleellaa diroonii dhqabee, jedhaniin lubbuun namoota nagaa darbuu jiraattonni magaalaa Mandii Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Roobii kaleessaa guyyaa gabaa waan tureef yeroo haleellaan sun raaw’atamu namoonni hedduun achi turan, jedhu jiraattonni kun. Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo haleellaa kanaan siivioota du’aniif mootummaa itti gaafamuu qaba, ka jedhan yoo tahu angawaan Sagalee Ameerikaatti dubbatan tokko ammoo, “haleellichi hidhattoota “Shanee” irratti geggeessame malee, siiviloonni ajjeesaman hin jiran,” jedhan.