Prezidaantiin Naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallaggaa Keessatti Marii Dhimma Nageenyaa Geggeessan

FAAYILII - Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa dhiheenya godinaalee wallagaatti kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii taasisaniiru. Jiraattota marii kana irratti hirmaatan keessaa akka ta’an kan himan namoonni dhuunfaa Sagalee Ameerikaatti dubbatan marichi haala itti rakkoon nageenyaa furmaata argatutti kan fuuleffate, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Prezidaantiin Naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallaggaa Keessatti Marii Dhimma Nageenyaa Geggeessan

Mariin kun yoo dhugumaan hojiitti hiikamee rakkoo nageenyaa furuutti kan xiyyeeffate jedhu Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa saayinsii siyaasaa Solomoon Tafaarraas.

Gama biraatiin Mootummaan Ameerikas rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti mul’ataa jirutti akka yaaddoo qabu eeree, akka mootummaan dafee rakkoo kana furu gaafatee jira.