Dubbii Himaan Ministrii Dantaa Alaa Amerikaa Waa’ee Itiyophiyaa Kan Ilaaleen Tuuta Oduuf Ibsa Kennan

  • VOA

Dubbii Himaa Ministrii Dantaa Alaa Yunaaytid isteets, Need Praayis

Ministeerrii haajaalaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkas samabata dabree mummicha ministeeraa Abiyyi Ahamd waliin bilbilaan dubbachuu isaanii kan ilaaleen gaaffii kana dhiyaateef dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis, "humnoonni Eertiraa Itoophiyaa keessaa bahuu akka jalqaban ni beekna," jedhanii, humnoonni biyya alaa akka ba’aniif waamicha dhiyeessinu, haala wal irraa hin cinneen dhageesiisfnuun akka walii galtee Sadaasa 12 Afrikaa Kibbaa akkasumas Naayroobii keessatti tolfameen walsimsiisuun guutummaatti akka bahu waamicha dhiheessina jedhan.

SEE ALSO: Antonii Bliinkan Abiyyi Ahmad Haasoofsisanii Jiru: Dubbii Himaa

Need dabaluunis humnoonni Eertiraa fi kanneen biroo ba’uun akkaan murteessaa dha. Akkuma duraanis jechaa turre nagaa waaraa fiduuf, gargaarsa namoomaa guutuumaan dhaqqabsisuuf, abba biyyummaa Itiyoophiyaa kabajsisuuf kun ta’u qaba jedhan.

Humnoonni Eertiraa ba’uu itti fufee jiru dabalatee mallattoolee gaarii arguu keenya itti fufee jiraatullee, humnoonni Eertiraa dhiittaa mirga namoomaa namoota nagaa irratti raawwachuu isaanii gabaasamuunnu yaaddessa, akkasumas gargaarsa namoomaa baay’ee barbaachisu akka hin kennamne duubatti harkifamuu fi gufachiisuunis akkasuma jedhan.

Mootummoonni Itiyoophiyaa fi Eertiraa gabaasa kana akka qoratanii fi namoota itti gaafataman akka gaafataman waamicha goona. Kana malees. Mootummaan Itiyoophiyaa to’attonni mirga namoomaa kan addunyaa guutummaatti akka seenaniif waadaa seenee akka kabaju gaafanna jedhan Need praayis.