Itiyoophiyaa Keessatti Hongee Mudateen Rakkoon Namoomaa Uumame Yaaddessee Tahuu Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa Gabaase

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa Keessatti Hongee Mudateen Rakkoon Namoomaa Uumame Yaaddessee Tahuu Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa Gabaase

Roobni waqtiilee shan otuu hin roobiin hafe hordofee hoongeen Itiyoophiyaa mudate yeroo ammaa yaaddessaa ta’uu Tokkummaa Mootummootaatti Biiroon qindeessaa gargaarsa Namoomaa (OCHA)n gabaaasee jira.

Dhaabbatichi ibsa kaleessa baaseen namootni miiliyoona 11 ol gargaarsa namoomaa akka barbaadan, darbees hoongeen kun qabeenya horii miiliyoona jahaa fi walakkaa ol akka ajjeesellee ifoomseera.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa gama isaan hoongeen naannicha mudatee jiru yaaddessaa ta’u, garuu kan humna mootummaatii ol ta’e akka hin taane dubbata.