Rooba Marsaa Shan Eega Hafee Booda Dhiheenya Roobeen Qonnaan-bultoonni Booranaa Midhaan  Oomishanii Galfachuuf Abdii Qaban 

Your browser doesn’t support HTML5

Rooba Marsaa Shan Eega Hafee Booda Dhiheenya Roobeen Qonnaan-bultoonni Booranaa Midhaan Oomishanii Galfachuuf Abdii Qaban

Ganna sadan darbaniif erga roobi irraa citee booda bokkaan Godina Booranaatti roobe jiraattotaaf abdii uumee jira. Keessumaa warri rooba argateen qonna qotate midhaan waqtii shan booda argachuuf akka dharraatti eeggachaa akka jiran dubbatan. Gama biraan rooba booda margi horiif biqilus, loon hedduun caamaan waan dhumaniif amma gatiin loonii gar malee akka ol ka’e dubbatanii jiran. Waajjirri Qonnaa Godina Booranaa, jiraattonni Godinichaa si’achi jiruu fi jireenya isaanii horii horsiisuu qofaarratti akka hin xiyyeeffanne taasisuuf akka hojjetaa jiru ibsee jira.