Irreessa Tajoo Roobaa Irratti Qorannaan Hayyootaan Geggeeffame

Your browser doesn’t support HTML5

Irreessa Tajoo Roobaa Irratti Qorannaan Hayyootaan Geggeeffame

Gabbisi qorannoo jechoota gadaa irreecharratti fuuleffatan torban darbe keessa Yunivarsiitii Jimmaa keessatti, hayyoota University Finffinnee,Jimmaa, Arsii Fi Giddu-gala Qo'annoo Fi Qorannoo Oromoo irraa walitti dhufaniin geggeessamee ture irratti waraqaawwan qorannoo dhiyaatan keessaa tokko “Adeemsa Rawwaanna Sirnaa Tajoo Roobaa” ka jedhu.

Kan Jaatanii qorannoo kana irratti waraqaa qorannoo dhiheessanii turan, Yunivarsitii Arsii-tti barsiisaan seenaa fi kunuunsa hambaa Mustafaa Dashuu Oromoon Irreessa Birraafi Arfaasaarratti akka irreeffatu, Waaqa itti galateeffatuu fi kadhatu tahuu dubbatu. Irreessi Tajoo Roobaas, Godina Arsii, Aanaa Zuway Dugdaa naannoo Hawaasa Arsii Utaa waayyuutti Arfaasaa irreeffatama jedhu. Naakoor Malkaa gabaasaa qaba.