Ajjeechaan Shamarree Seenaa Raggaasaa Qoratamaa Jira, Jedhame 

Shamarree Seenaa Raggaasaa Dilbata darbe Gincii keessatti ajjeefamte

Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Gincii keessatti Shamarree Seenaa Raggaasaa qaama hin beekamneen Dilbata dheengaddaa ajjeefamte ilaalchisee Qorannoon eegalamuu Waajjirri Poolisiifi Abbaa Alangaa Aanaa Dandii beeksise.

Obboleessi hangafaa Seenaa,Obbo Leenjisaan ajjeechaa obboleettii isaanii waliin wal qabatee qaama shakkan akka hin qabne ibsuun, ajjeechaan nama nagaa kamirrattuu raawwatamu dhaabbachuu qaba jedhan.

Waajjirri Kommunikeeshinii aanaa Dandii Gama isaan “ Namootni eenyummaan isaanii hiin beekamne dukkana da’oo godhachuun magaalaa Giincii keessatti hawwasarratti haleellaa raawwataa jiru, gocha akkanaa dhaabsisuuf hojjatamaa jira” jedheera.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjeechaan Giincitti Dubree Tokkorratti Raaw’atame Qoratamaa Jira, Jedhame