Arsii Asallaatti barattootii hiriira bahanii rakkoo himatan

Oromiyaa, Itoophiyaa

Your browser doesn’t support HTML5

Asallaatti hardha nama hedduutti hiriira mormiitiif bahee rakkoo himate

Hiriira hardha barattootii qopheessan irratti akka warrii kopheesse jedhutti nama kuma hedduutti bahe.

Gaafiin warraa guddoo daangaa Oromiyaa irratti nama fixuun akka dhaabatu,itti gaafatmtootii siyaasaa Oromoo hidhaa jiran akka hiikamanii fi waan akka akkaa gaafatan

Barattootii tun akka jarii jedhutti torbaan dabrellee gargaarsa walti guuranii nama Harrgeetti baqatee waan akka horii fa walti guuranii geessuuf jennaan irratti didan.

“Gargaarsa nutumtu guuruutti jirraa isan maanti isaniin gahe galche nuun jedhan,” jedha.

Jarii kun haga gaafii isaaniitiif deebii argatanitti hiriira hinuma baana jedha.

Gargaarsa jarii maqaa barattootaatiin walti guuruuf jedhee nu dhowwan jedha kana eennu akka isaan dhowwe gaafachuuf jennee bulchiinsaa fi koollejjii Asallaa keessallee bulchota dubbisuuf jennee hin taane.

Hiriirii Arsii Asallaatti bahan kun nagumaan dhumatellee akka warrii bahe jedhutti.