Ajjeechaa Godinaa Gujii, Aanaa Oddoo Shaakkisoo Keessaa

  • Namoo Daandii

Faayilii - Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa

Godina Gujii aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Magaadoo jedhamu keessatti namni Badhaadhaa Galchuu jedhamu humnoota mootummaatiin Kibxata darbe kana ajjeefamuu jiraattonni gandichaa dubbataa jiru.

Badhaadhaa Galchuu

Badhaadhaan nama injinerummaan yunivarsitiirraa eebbifamee fi hojii dhabuun booda cichaa ofiitti galee qonnaatti bobba’e ta’uu dubbatu – jiraattoonni Magaadoo. Jiraataan ganda Magaadoo obbo Daaniel Boruu jedhaman ,Badhaadhaan dargaggeessa cimaa hawaasa isaa keessatti hojii gggaarii hojjechuun beekamu, kan haadhaa fi abbaa isaaf illee waan gaggaarii hojjetee ofii garuu otuu jireenya gaarii hin argiin lubbuun isaa harka humnoota mootummaatti badde, jedhu. Badhaadhaan “Maaster-pilaanii Finfinnee fi qotinsa Albuudhaa aanattii keessaa mormuudhaan hiriirawwan aanatti keessatti geggeessaman qindeessite” jedhamuudhaan, otuu hin ajjeesamiin dura illee akka hidhamaa fi hiraarsamaa ture dubbatan, jiraattonni.

Awwaluu nama jedhamu, hidhataa mootummaa fi humnoota federaalaatiin qehee isaa keessatti rasaasaan eega dhawamee booda, konkolaatuma jarreen sanaatiin gara Hospitaalaatti otuu geessamaa jiruu karaatti du’uu isaa illee dubbatu. Ajjeefamuu Badhaadhaa dura, dargaggoon ka biraan Wasanee Masaay jedhamu achuma aanaa Oddoo Shaakkisoo keessatti ajjeesamuu fi san duras, nama Israa’eel Xiisoo jedhamu dabalee, namoonni ja’a humna addaa federaalaa fi waraana addaa federaalaa “Agaazii’ jedhamaniin ajjeesaman – jedhu, jiraattonni.

Itti-gaafatamaan Bulchiisaa Nageenyaa fi Nageenyaa magaalaa Shaakkisoo, Obbo Culuqqee Dhukkaalee fi Itti-gaafatamaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa aanaa Shaakkisoo, Obbo Taaddelee Usoo, ajjeesamuun dargaggoo Badhaadhaa Galchuu “mirkana” ta’uu amananii, garuu humnoota mootummaan bobbaase miri kan ajjeese, jedhan. “Namoota bakka ajjeechaa sanaa turan keessa dhuguma kan Awwaluu jedhamu ni jira. Inni achi jiraachuu malee ajjeechaa sanatti hirmaachuu wanna mirkaneessu harkaa hin qabnu.Dhimmi sun qoratamaa jira,” jedhan – Obbo Culuqqeen.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kunooti.