IOM: Baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman Irraa Gara Jabuutii Geessaman Fedhii Isaaniin Itiyoophiyaatti Deebifaman

  • Jaallannee Gammadaa

Faayilii - baqatoota Itoophiyaa karaa seeraan alaa Yaman dhaquudhaa Somaaliilaand keessa darban, 2015

Baqattoonni Oromoo dhibba tokkoo fi shantamni sodaa nageenyaaf sababaa jedhuun Yaman keessaa fuudhamanii torban darbe moraa Loyaaddee jedhamu kan Jabuutii keessa eega quubsifamanii booda dhuma torban darbee xayyaaraan Itiyoophiyaa geessamuu isaanii baqattoonni kanneen biroon Jabuutii keessaa ibsanii turan. Garuu, Jaarmayaan godaantootaa kan sadarkaa addunyaa ykn IOM Jabuutii fi Yaman irraa akka beeksisaniitti godaantoonni kun mana hidhaa Yaman “Hudeeda” jedhamu keessa kanneen turanii fi biyya ofiitti deebi’uuf kanneen gaafatani, jedhe.

Godaantoonni kun irra hedduun isaanii Oromoo fi Amaara. Tigroonnii fi kanneen Afaar irraa ta’an illee keessa jiru jedha IOM Jabuutii irraa. Waajirri IOM Yaman jiruus biyya ofiitti deebi’uuf gaaffii eega dhiyyeeffatanii booda karaa Jabuutiitiin Itiiyoophiyaa seenuu mirkaneessee jira.

Baqattoota dhaabbata UNHCR jalatti galma’anii turan otoo ta’e namni quba itti buusuu hin jiraatu ture jedhanii yeroo tokko tokko mootummaan Yaman hin feedhu taanaan godaantoota fedhii isaaniitii-ala akka biyya irraa dheessanitti deebisaman gochaa akka ture hubachuun gaarii dha jedha. Garuu, karaa gama IOM kan gaggeeffamu taanaan fedhii godaantootaa irratti ka hirkate ta’uu agarsiisa, jedhu..

Gaaffii fi deebii geggeessame kana cuqaasuun dhaggefadhaa