Embaasiin Amerikaa Finfinnee Jiru Yaaddoo Qabu Ibsee Jira

FAAYILII - Embaasiin Amerikaa, Finfinnee, Itoophiyaa

Gaazexxessootaa fi kanneen hawaasa dadamaqsan dhiyeenya kana walitti qabuun hidhuu kan ilaaleen gabaasaaleen dhiyaatan Yunaaytid Isteetsiin kan yaaddeesse ta’u Embaasiin Amerikaa inni Finfinnee keessa jiru ibsa baasee beeksisee jira.

Angawoonni fedeeraalaas ta’e kan bulchiinsa naannoo qabiinsa sirna ramaddii biyyatti hordofuun olaantummaa seeraaf akka bulaniif komishiniin mirga namoomaa kan Itryoophiyaa biraa waamicha dhiyaate nutis ni dhageesiifna jedha ibsii Embaasii biraa ba’e kun.

Komiishinin mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa ibsa baaseen dhimmi kana itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru beeksisee jira.

Kanaafis, hojii komishinni kun gaggeessuuf aangawoonni fedeeraalaas ta’e kan bulchiinsa naannoo hundumtuu walta’iinsa hojii irraa eegamuu baasuuf dirqama irra jiru akka ba’an ibsii komishinichaa gaafatee jira.