Gaaffiin Uummataa Hatattamaan Deebii Argachuu Qaba: Jiraattota Magaalaa Dambi Dolloo

  • Tuujubee Horaa

Suuraa Faayilii

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimedii fi prezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa Sambata darbe gara magaalaa Dambi Dollootti imalanii turan. marii hawaasaa geggeessame irratti kanneen hirmaatanis dubbisnee jirra.

Yunversiitii Dambi Doollootti argamuu dhaan sirna eebba sana kanneen hordofan akkasumas kanneen Yunivarsitii Dambi Dolloo keessatti marii hawaasaa irratti argaman nuuf ibsanii jiran. Godinni Qellem Wallaggaa naannoo rakkoo hedduun keessa jiru hidhaa fi dararaan kan keessatti hammaate nageenyi ishee kan boora’e jechuun dubbatan jiraattonni magaalattii. Muummichi ministeerichaa fi prezidaant Lammaan akka isaan qiyyaafata itti kennan kan barbaannu eegumsa naanoo fi akkasumas misooma naannoo keenyaa akka ta’u iyyanneera jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffiin Uummataa Hatattamaan Deebii Argachuu Qaba: Jiraattota Magaalaa Dambi Dolloo