Gumiin Naga-eegumsa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Rakkoo Nageenya Biyyattii Ilaalchisee Ibsa Baase. Gamtaan Medrek Immoo Mootummaan Biyyattii Bulchuu Dadhabeera Jedha

  • Namoo Daandii

Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalenyiin kan durfame gumiin nagaa fi nageenyaa karoora hojii isaa ifa taasisee jira.

Itti gaafatamaan waajjira gumii kanaa ministerri ittisaa Siraaj Fageessaa rakkoo nageenyaa naannolee hanga tokko keessatti mul’ataa jiruuf furmaata waarinsaa kennuuf caasaaleen naannoo fi kan Federaalaa akkasumas kan sadarkaa adda addaa waliin hojjechuun barbaachisaa dha jedhan.

Kana jechuun immoo inni tokko aangoo isa kaanii dhibuu jechu miti jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Labsiin Yeroo Hatattamaa Ka’uus Biyyattiin Harka Caalaan Nagaa Dha Jedhame

Gama biraatiin immoo, Gamtaan paartiilee mormitootaa – Medrek, ibsa Jimaata dabre kana baaseen, “Mootummaan Itiyoophiyaa otuu biyyattiin jeeqama hamaa keessa hin seeniin, mala furmnaataa hundee qabu barbaaduu qaba” jedhee jira. Akka Medirek jedhutti, mootummaan EEDEGn hoogganamu mormiilee fi mufannaa paartiileen siyaasaa fi uummatoonni qaban akkauma baretti humnaan ukkaamsuu yaaluu irra marii paartiilee hunda hirmaachise geggeessee, mootummaa akka heeraa fi seera biyyattiitti hojjetuu fi wal-qixxummaa uummatootaa kajchiisu hundeessuu tu furmaata taha.

Your browser doesn’t support HTML5

Medrek Ibsa Gama Isaa Baaseen Mootummaan EHSDEG Biyyattii Bulchuu Dadhabeera Jedha