ABO fi KFOn Mootummaan Ajjeechaa fi Hidhaa Lammiilee Nagaarratti Raaw’ataa Jiru Dhaabuu Qaba Jedhu

Asxaa ABO fi KFO

Paartileen mormitootaa lama Addi Bilisummaa Oromoo ABO fi Kongirasiin Federaalistii Oromoo KFO "Mootummaan ajjeechaafi hidhaa lammiilee nagaa irratti raawwataa jiru dhaabuu qaba" jechuun tibbana ibsa baasanii jiru.

Paartileen mormitootaa kunneen mootummaan, waraana eegale dhaabuun qaamolee meeshaa waraanaa hidhatanii socho'an wajjin mari'achuun rakkoo uumame hiikuu qaba" jedhan ibsa mata mataatti kennaniiin. Dhimma kanarratti yaada gama mootummaa argachuuf tattaaffiin goone hin milkoofne. Naakoor Malkaa tu gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

ABO fi KFOn Mootummaan Ajjeechaa fi Hidhaa Lammiilee Nagaarratti Raaw’ataa Jiru Dhaabuu Qaba Jedhu