Traamp Ijjannoo Waayee Godaantotaa Qabu Jabeessee Itti Fufe

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Haasaha Traamp Imaammata Waa’ee Godaantotaa Irratti Xiyyeefate

Kaadhimamaan prezidaantummaa, ka paartii Ripublikaanii – Donald Trump, imaammata waa’ee godaantotaa cimaa ammaan dura duula filannoo irratti dubbataa turan qoosaan dubbatan iyyuu --- godaantota seeraa-ala Yunaayitid Isteets keessa jiraatan – miliyoona hedduu ka biyya isaaniitti deebisan ta’uu, daangaa Ameerikaa gama Kibbaa irratti dallaa ijaaruudhaan akka Meksikoon gatii isaa baastu ka taasisan ta’uu irra-deebi’anii dubbatan.

Godaantota yeroo ammaa Yunaayitid Isteets keessa jiraatan ilaalchisee, kan gara lammummaatti isaan geessu – “dhiifamni kennamu gonkumaa hin jiru.” “Ededa ijaaramuufis ka guutmmaatti gatii baasu Meksikoo dha. Dhibbaa dhibbatti” – jedhuudhaan, har’a, dirree Twiterii isaanii irrati barreessan – Traamp.

Yoo dorgommii filannoo prezidaantummaa irratti Hilarii Kilinton injifatan – imaammatawwan godaantotaa ciccimoo hojii irra oolchuuf deeman tarreessuun, kaleessa galgala kutaa Ariizoonaa keessatti haasawa godhan keessatti dubbatanii turan.

Akka aangawoonni Yunaayitid Isteets tilmaamanitti --- godaantota ehama seeraa hin argatiin gara miliyoona kudha-tokkoo tu Yunaayitid Isteets keessa jiraata. Traamp yoo filannoo prezidaantummaa injifatan, lakkoobsa kana keessaa kanneen miliyoona ja’aa ol tahan biyyaa baasuu malu – jedhama.