Israa'el, Hamaas waliin  Waa’ee Namoota Butaman Deebisuurratti Waliigalteerra Geessee Jirti

  • VOA

Matii namoota iggitamanii waliigaltee irra gahame deeggaruun hiriira bahan, Tel Aviiv, Israa'el, Amajjii 16, 2025,

Lammilee Israa’eel warren iggitaman Gaazaa keessa jiran gad lakkisuu irratti garee Hamaas wajjin waliigaltee irra gahamuu isaa Ministarri Muummeen Israa’el Beenjamiin Netaniyaahu himaniiru. Tarkaanifiin waraana ji’oota 15f lammaan gidduutti taasifamaa ture xumuruuf kaayyeffate kun dhukaasa dhaabuuf gufuu ture hambisa jedhameera.

Ibsi jimaata har’aa waajiraa muumicha ministeraa Israa’el irraa bahe akka namoottan qabamanii jiran gad lakkisaman gareewwan jaarsumaadhaan waligalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuu gargaaran irraa mirkaneefachuun akka danda’ame eerera

Waligaateen Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifame kana mirkaneesuudhaaf kaabineen mootummaa Israa’el guutumaadhaan jimaata har’aa walgahii taasisaa akka jiru gabaasameera.

SEE ALSO: Muummeen Ministiraa Israa'el Hamaas Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu Gaazaa Duubatti Deebise Jechuun Himatan

Walii galtichii yoo kabinee mootummaa Israa’eliin fudhatama arghatee, Dilbata dhufuu jalqabee hojii irra oolee, Hamaas Lamiilee Israa’el harkaa isaa keessa jiran yemmuu gadii lakkisu, Israa’eel gama isheetiin lammilee Paalastaayin mana hidhaa keesaa jiran gadi lakkifti.

Isaa boodee adeemsii lolichaa haala waara qabeesaa ta’een xumuraa itti godhuu akka itti fufu gabaasameera.