Itiyoophiyaan Impaayerummaa Irraa Jijjiiramuu Qabdi

  • Namoo Daandii

Adda Bilisummaa Oromoo keessatti, yeroo adda addaatti adda addummaan uumamee, gareeleen adda-bahanii maqaa “ABO”n of waaman heddummaachuun ni yaadatama. Dhiheenya kana immoo, qaamni miseensota fi hoogganoota gareelee ABO kana turan of-keessaa qabu, kan “Waltajjii Marii Oromoo” yokaan “Oromo Dialogue Forum” jedhamu hundeessamuun ibsa baasee jira. Hundeessitoota qaama kanaa keessaa tokko kan tahan, Obbo Lencoo Lataa ibsa kennaniin , “Qabsoon bilisummaa Oromoo adoodee gara fuul-duraatti tarkaanfachuu dadhabuu irraa, akkasumas, geggeessitoonni qabsoo Oromoo dhaabicha haaressanii geggeessuu irra maqaa gaarii dhaabichi uummata keessatti horate eegsisuutti cichuu irraa dahabbii dhaabicha keessatti uumame irraa kaanee mul’ata, tarsiimoo fi toftaa qabsoo bilisummaa Oromoo haaressuuf jecha, waltajjii marii kana gad-dhaabne” jedhu.

Waltajjii marii kanatti dhaabonni polotikaa Oromoo fi uummatichi akka hirmaatu ka waamicha dhiheessaa jiran ta’uu illee dubbatanii jiran. “Dhaabota yokaan namoota Itiyoophiyaa keessa jiran, kanneen Oromoo hin ta’iin waliin illee haala itti Itiyoophiyaa keessatti mirgi saba hundaa eegamee waliin jiraachuu danda’amu irratti waliin mari’achuu feena” jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa