Your browser doesn’t support HTML5
Waraanii WBO Jaarrolee Araaraatti Qawwee Kennuutti Jira
Har’a, Gujii Bahaa, magaalaa Shaakkisoo keessatti loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo gara digdamaa tahan simachuu isaa koreen araaraa beeksisee jira.
WBO godina Gujii
Akka dura-taa’aan garee koree araraa gara Gujiitti bobba’ee – Obbo Hayilee Gabree akka jedhanitti, loltoonni har’a simataman kun ka duraa yoo tahan, loltoota ka biroo dhufuu malu jedhanii abdatan simachuufis, guyyaa simannaa silaa har’a xumuramuun irra turetti, koreen araaraa guyyoota sadii dabaluun dheeressee jira.
Gabaasaan keenya Muktaar Jamaal bakka simannaa sanaa, Shaakkisoo irraa ibsa nuuf kenne qaba. Guutummaa isaa caqasaa.