Obbo Getaachew Raddaa: Labsiin Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Keessatti Bahuun Sababaa Hiriira Mormiif Miti

Obbo Getaachew Raddaa, Ministarri Dhimmoota komiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa

Itiyoophiyaa keessatti labsiin yeroo hatattamaa ka barbaachiseef, hiriirawwan mormii wajjiin wal-qabatee botuu hin taane, kallattiilee adda irraa ka dhufaa jiru – yaaddoo biyyattii dura dhaabbate ka’ee ta’uu isaa dubbatu – Ministarri Dhimmoota komiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa – Obbo Getaachew Raddaa. Ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, “mootummaa qofa otuu hin taane guutummaa biyyattii dhabamsiisuu kanneen fudhan – diinota alaa tu jira” – jedhu – Obbo Getaachoon.

Labsiin yeroo hatattamaa kun, guutummaa biyyattii of-keessatti qabatu ka taasisameef – diinonni kun eessa irratti akka dhaaban waan hin beekamneef ta’uu dubbatan – Obbo Getaachew Raddaa.

Gabaasa sagalee dhaggeeffadha