Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Koomishinarii Ol'aanaa Damee Mirga Dhala Nama Haalli Itoophiyaa Keessaa Qama Walaban Akka Qoratamu Waamicha Dhiheesse


Loogoo waajjira Komishinarii Ol'aanaan Damee Mirga Dhala Nama han Mootummoota Gamtoomanii
Loogoo waajjira Komishinarii Ol'aanaan Damee Mirga Dhala Nama han Mootummoota Gamtoomanii

Mootummoota Gamtoomanitti waajjirri Komishineerri olaanaa damee dhimma mirga dhalanama, Sambata darbee Ayyaana irreechaa Hora Arsadee irratti namoonni baayyeen lubuu erga dhabani as, magaaltota Oromiyaa, Kibba Baha Finfinnee jiraan bayyee keessatti nageenyi hin jiru jedha.

Ibsi kun, Ayyaana Irreechaaratti Mormii ture booda namoonni humnoota nageenyaa jalaa dheeffutti boolooti kufanii dhummuu isaanii eeree, ergasiimmoo hallichii maalii fi akkamitti akka ummamee, lakkoofsi namoota lubbuun bade gabaafamuu bayyee adda ta’uusaa, akkasumas gahee humnoonni nageenyaa eegumsa mootummaa taphatan laalchisee odeeffannoon hoggantoonnii biyyattii irraa kennamu ummata biratti amantii waan dhabeef mormiin ka’u tarreessa.

Ibsi kun dabaluudhaniis, Mootummaan Finfiinnee dabalatee bakkaa hedutti tajaajila interneetii moobaayilii cufuurra, rakkina biyyattiin keessa jirtu furuudhaa hojiiwwaan fayyadan irratti akka xiyyeeffatu waamicha dhiheesse, kessumattu qaama walabaan haala jiru qoratu naannoo oromiyaa, fi Amaaraa akka seenan heyyamuu fi akka isaan qaamoota gama lamaanuu dubbisaniii dhugaa jiru madaalan haala mijeesufiin han duraa ta’u qaba jedha.

Kana malees Hidhamuu blogeroota lama; Siyyum Tashoomaa fi Naatnaa’el Fallaqaa nu yaadessa jedhee, Naatnaa’el, hiriyoota isaa lama wajjin ta’ee dhumiitii Sambata darbe Irreechaa irratti dhaqabee laalchiisee itti gaafatamummaa moootummaan qabu sagalee olqabanii hasahaa waan turaniif hidhamuu isaani dubbata.

Dhumarattis, halla baayyee nama sodaachisuun namoonni naanoo Oromiyaatif Amaahraa irraa bayyinaan hidhama jiran han jedhu ibsi kun mootummaan Itoophiyaa namoota mirga isaanii fayyadamanii yaada qaban ibsatanii fi isa qeeqan guuree hidhee attattamaan akka gadhiisu gaafannaa, namoonni ilaalcha isaanii ibsachuu isaanii qofaa hidhuun fi ukkaamsuun rakkina amma jiruu kana ittu hammeessa jedha.

Gabaasa sagalee kana cuqaasaa dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG