Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Irreechaa Har’aa Irratti Dhukaasa Du'aa fi Miidhaa Qaamaa Dhaqqabe


Ayyaana Irreechaa Har’aa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Kanneen Dhibbaan Lakkaa’aman Dhuman Jedhama
Ayyaana Irreechaa Har’aa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Kanneen Dhibbaan Lakkaa’aman Dhuman Jedhama

Magaalaa Bushooftuu keessatti har’a ayyaana Irreechaa kabajuuf uummata miliyoonaan laka’amutu yaa’e. Ayyaana kabajuuf uummati yaa’e diddaa mootummaaf qabu mul’isuuf harka isaa wal qaxxaamursuu dhaan ture gama ayyaanni kun itti ayyaaneffatamu hora Arsadiitti deemmaa kan ture.

Prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dabalatee angawoonni OPDO ayyaana sana irratti argamanis uummanni mormii dhageessisuu dhaan uummati keenya dhumaa utuu jiruu isin nutti dubbachuu hin dhageessistan waan jedheef waltajjii gad dhiisanii deemuu isaanii ayyaana kana irratti kanneen argaman nuuf ibsaniiru.

Humnoonni mootummaa lafoo dhaan dhukaasaan, samii irraan immoo gaaziin imimmaansu san booda biifamuu waan jalqabeef uummanni achitti wal ga’e ukkaamamee dhaabachuu waan dadhabeef achii baqachuuf utuu yaaluu hedduun wali irratti kufuu dhaan kaanis lafti isaan irra ejjetan ittiin citee lafa jalatti awwaalaman kaan immoo itti dhukaafamuun ajjeefaman jechuu dhaan kanneen ijaan argan nutti himaniiru.

Reeffa namaa irra tarkaanfataa gamsii deemne dirree lolaa malee bakka ayyaanaa hin fakkaatu jedhu namoota achitti argaman keessaa ennaa dubbatan. Abbaan Gadaa illee reebamanii madaa’uu ija keenyaan argine jedhu. Ayyaana kana irratti Gojjam Matakkal Wambara irraa illee utuu hin hafin namoonni ayyaana kana irratti argamuun nuuf ibsamee jira.

Gaaaasa sagaleetif kutaa tokkoffaa

Ayyaana Irreechaa Har’aa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Kanneen Dhibbaan Lakkaa’aman Dhuman Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:04 0:00

Gabaasa sagalee kutaa lammaffaa

Goojjam Matakkal wambaraa Irraa Ayyaana Irreechaa Irratti Argamuuf Bishoofuu Kan Turan Keessaa Tokko Haala Jiru Akkasiin Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

XS
SM
MD
LG