Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriiraa Arsii Nagallee fi Ajjechaa Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessaa


Sirna awwalcha Lidata Amanaa, Mandii, Oromiyaa
Sirna awwalcha Lidata Amanaa, Mandii, Oromiyaa

Godina Arsii Lixaa Aanaa Arsii Nagallee keessatti har’a hiriirtonnii fi humnootiin mootumma walitti bu’u isaanii jiraattonni dubbatanii jiru. Ittiin ka’umsa walitti bu’iinsa kanaa aangawaan kaabinee keessaa tokko dhaadannoolee hiriirtootaa ciruu isaanii ta’uutiin ibsameera. Angawaan gocha kana rawwatan immoo dhaadannoon sun uummata walittu buusa, jedhu.

Achuuma godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa keessatti hidhattoonni Jimaata darbe Fulbaana 23 bara 2016 dargaggeessa tokko qabuuf dhufanii jalaa miliqee waan ba’eef jecha faana bu’uun waan itti dhukaasuu jalqabniif uummanni birmatee ba’uun walittibu’insa uumameen namoonni 8 hidhattotaan haleelamuu fi dargaggoo Maammoo Gariin jedhamu ajjefamuu dubbatan. Akkasumas hidhattoota keessaa afur du’uu dubbatan.Oduu kana qaama mootummaa dhimmi ilaaluu irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Gama kaaniin Godina wallaggaamagaalaa Mandii keessatti guyyaa jala bultii ayyaana masqalaa umriin isaa 15 kan ta’e Lidataa Amanaa waraana mootummaan ajjefamuu jiraattonni ibsanii jiran. Garaa keessa rasaan rukutamee Mar’umaan isaa kan jigee ta’u obboleessi isaa ibseera.

Gabaasaa guutuu dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG