Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Dhalattoota Qucaa Gaaffiin Eenyummaa Nuu Hin Deebi’in Jira Jedhu


Two Ships Seized Off Somali Coast
Two Ships Seized Off Somali Coast

Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan lammii Qucaa ti kan jedhan namni tokko uummatichi gaaffii eenyummaa gaafachuu erga jalqabee waggoota lakkoofsiiseera jedhan.

Bara 2005 qabee gaaffii kana dhiyeessaa kan ture ennaa ta’uu deebiin isaa garuu ajjeechaaf miidhaawwan ka biroo hedduu ta’uu dubbataniiru. Har’as raawwatamaa jira kan jedhan jiraataan kun Yeroo ammaa gaaffii kana dhaabuu diddan jechuu dhaan bakka bu’oota uummataa hidhaa jiru.

Akkaataa hidhaan kun itti raawwatamus seera biyyattii karaa eegeen miti jedhu. akka isaan jedhanitti angawoonni mootummaa ka naannoo Sanaa nama ofii isaanii jibbaniif uummata naannoo waliin nama walii galuu fi dhageettii qabu, abbaan murtii tokko waraqaa irratti mallatteessee nama kamiinuu ajaja hiisisuu danda’u agarsiisanii nama hidhu jedhu jiraataan kun.

Kanneen hidhamaniifis ajaja mana murtii hin dhiyeessan jedhan. Kan hidhaa dhaa wabii dhaan gadhiisaman obbo Mengisutuu Gebeyehu haala itti hidhaman ennaa ibsan ani kan ani hidhame gaaffii eenyummaa uummata qucaa ilaalchisee mana maree Federeeshinii biraa xalayaa fidde jedhamuu dhaani.

Waa’ee eenuymmaa kana ilaalchisee uummata kakaasta, maallaqa walitti qabda jedhanii na hidhan. Yakkaan shakkameera, Federeeshinii irraa mootummaa naannoof xalayaa barreeffame waan harkatti argameef, waan du’aa kan gaaffii mootummaan deebii itti hin kennine kaase jechuu dhaanan hidhame jedhan.

Haala Kanaan erga qabamanii booda poolisiin haala isaa qorachuuf guyyoota 14 gaafate jedhan. Poolisiin mana murtiif ibsa kenneen qorannaa sana yeroon waan hin xumurreef manni murtii wabii dhaan kan isaan gadhiise ta’uu illee dubbataniiru. Bulchaan aanaa Sanaa obbo Deemaa shaaraa hidhaan kun maaliif akka ta’e gaafatamanii namni hidhame hin jiru jechuun haalan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG