Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Booranaa mana hidhaa Yaaballootti nama lamatti rasaasa poolisiitiin du’ee saddeetitti mammadaahe


OROMIA MAP
OROMIA MAP
Yaaballo,Boorana
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:35 0:00

Akka oduu nuun baatetti Wiixata onanaa warrii mana hidhaa Yaaballootti hidhan sagalee nyaachuu didee poolisiin wal dhabee tana irratti namii hidhaa jiru lama rasaasaa poolistiin du’e.

Warrii achitti hidhame akka warrii oduu tana VOA Afaan Oromootti hime jedhetti Oromoo Irreecha Bishooftu irratti dhumteef mootummaatti dallanee midhaan lagate.

Akka warrii oduu sun nutti hime jedhetti poolisiin warra midhaan lagate dhaantee akka jarii nyaatu gaafatte.

Haga daqiiqaa 20 qawween tokkaatee namii magalaa rifatee ijoollee mana barumsaatii guurrate jedha warii oduu tana nutti hime.

Nama lamaan tana irratti rasaasaa poolisiitiin du’e malee nama saddeetitti madaahee hospitaala Yaaballoo jira.

Godinii Booranaa aanaa 10 qabaa maatiin namii irraa hidhame nama isaanii ka madaahee gaafachuuf dhufanillee mana hidhaa seenuu hin dandeenne jedhan.

Gama kaaniin Yaaballo keessa loltuu fi poolsiin waan lafatti baafattee galgala alatti gutanii galuu fi barraaqaan bahuulleen soda jedha warrii lafa.

Dubbii tana bulchoota godinaa fi aanaa Yaaballoo irrallee caqasuuf jennee marroo hedduu itti dedeebinee dadhamnee akkuma arganneen isanti himna.

XS
SM
MD
LG