Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sabbata Keessatti Kanneen Hidhaman Summii Akka Nyaachifaman Mari'achuuf Poolisoonni Walgahii Geggeessuu Isaanii Oduun Miliqee Nu Bira Gaheera: Jiraattota


Faayilii - Hirmaatota ayyaana Irreechaa mormii agarsiisaa deeman, Bishooftuu, Oromiyaaa
Faayilii - Hirmaatota ayyaana Irreechaa mormii agarsiisaa deeman, Bishooftuu, Oromiyaaa

Godinaalee oromiyaa addaa addaa keessatti kaleessa galgalaa qabee har’as mormiin akkasumas ajjeechaan itti fufuu isaa namoonni nuti dubbisne nuuf himanii jiran. Goddina addaa magaalaa Finfinnee aanaa Walmaraa magaalaa Holataa keesssatti mormiin geggeessamuu kanaanis namoonni hidhamaa fi reebamaa jiraachuu jiraattonni nuuf ibsaniiru. .

Bulchiinsa magaalaa Sabbataa keessattis mormii uummataan wal qabatee namoonni ajjeefamaa fi hidhamaa jiru jedhu jiraattonni. Nama du’e awwaaluu ennaa adeeman illee waraanni itti marsee nu hiraarsaa jira jechuu dhaan kanneen namoota awwaaluuf deeman keessaa namni tokko nutti himanii jiran.

Buufata poolisii Sabbata keessatti kanneen hidhamanii jiran summii nyaachifamanii qaamni akka laasha’u yookaan akka ajjeefaman korri bittinneessaa wal ga’ii hatattamaa waamamuu waajjira poolisii keessaa oduun miliqee ba’e jiraattota bira ga’ee jira. Hojjettoota buufata poolisii kanaa keessaa wal ga’iin sun geggeessamuuf gabaasa dhiyaate kana nuuf mirkaneessaniiru. Poolisiin garuu deebii nuu kennuuf tole hin jedhin hafe.

Gaabaasa guutuu kana cuqaasudhan dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG