Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Gaddisiisaa Irreecha Baranaa Irratti Ummamee Namoonni Ijaan Argan fi Mootummaan Maal Jedhu?


Mormii Irreechaa hora Arsadee
Mormii Irreechaa hora Arsadee

Dhaggeeffatoota keenyaa, Ayyaana Irreechaa Har’a Magaalaa Bishooftuu Haroo Harsadii irratti Ayyaaneffamuuf ture irratti, dhukaasa banamee fi namoonni miloiyoonaan lakkaawaman dhukaasa irraa dheessuuf ennaa fiigan wal-irra ba’anii wal-caccabsuu irraa lubbuun namoot dhibba tokko olii dhabamuu isaa hooggqanoonni mormitootaa fi hirmaattonni ayyaanichaa ijaan argina, jedhan dubbataa jiran. Sababaan du’aa fi miidhaa hedduu dhaqqabsiise kunis, yeroo ayyaanichi banamutti Abbaa-gadaa silaa eebbisanii banuuf turan, Abbaa-gadaa

Bayyanaa Sanbatuu sabababaa hin beekamneef boodatti harkifamuu, akkasumas, waltajjii ayyaanichaa irratti ayyaanichaa irratti halaabaan fannifamuu fi aagawaa mootummaa akka haasawan dhiheessuuf yaaluu ennaa uummatni mormetti humnoonni mootummaa dhukaasa gaazii imimmaansisuu fi rasaasaa jalqabuu isaanii akka tahe dubbatan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasaatii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG