Lammiin Lammiif ! Jedhu Dubartonni Oromoo Biyya Alaa Jiran

  • Jaallannee Gammadaa

Lammiin lammiif

Gareen dubartoota Oromoo biyya alaa keessa jiraataan Kan "Siiqqee International Oromo women " jedhamu lammiwwan Oromoo kanneen manaa fi qe'ee ofii irraa humnaan buqqifaman gargaaruuf sosso'aa akka jiran I beeksisanii jiru.

Sambata fullee keenyaa jechuun Bitoteessa 24 bara 2018 kaasee qophilee adda addaa gaggeessuun maallaqa walitti qabuuf karoorfatan. Qophiin kunis ardilee addunyaa keessaa yunaaytid isteetes, Kaanaadaa, Awustraaliyaa fi magaaloota Awuroopaa adda addaa keessatti kan gaggeeffamu ta’a.

Sagantaa kanaan maallaqa argamuun manneen jireenyaa kanneen mooraa keessa quubataniif akkasumas Kilinikii tajaajiila fayyaa argachuuf dandeesisuu ija arguuf kan oolu ta’uu Qindeessitoota keessaa tokko Kan ta’an addee Dunee Silgaa Ibsanii jiru. Kanaaf uummanni Oromoo maagaaloota adda addaa keessa jiru birmannaa akka godhan gaafatanii jiru.

Kaaliforniyaa irraa Dhiyeenya kana mooraa oromonni keessa qubatan daw'attee Kan deebitee ogeettiin fayyaa aaddee Obsee Luboo rakkoo iddooo sanaa akkan jabaa fi gargaarsa jabaa kan isa barbaachisu ta’uu dubbatti. Keessumaa dubartoonnii fi ijoolleen akkaan midhaan qaamaa fi qalbii irra ga’uu ibsitee jirti. Lammiin Lammiif birmachuu qabaa isa jedhuun gara fuula duraatti deggersi gama tajajila fayyaa godhamu akka itti fufu dubbatti.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa