Obaamaa: Waa’een Briteen Gamtaa Awurooppaa Keessaa Ba'uu Walga’ii NATO Dilallaawaa Taasisa

  • Namoo Daandii

Prezidantii Yunaaytid Isteets, Baaraak Obaamaa, Poolaand Adooleessa 8, 2016.

Walga’ii NATO bara kanaa itti hirmaannaa isaanii isa xumuraa ta’uuf kan Har’a ganama magaalaa Waarsoo qubatan – Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Baaraak Obaamaa -walga’iin ammaa kun, yeroo gaddisiisaa, kan Briteenii fi Gamtaan Awurooppaa itti adda-ba’an akka ta’uuf jiru dubbatan.

Obaamaan, eega biyyoota miseensota NATO waliin magaalaa Waarsootti walga’icha taa’anii booda, biyya eega prezidaantii ta’anii as yeroo jalqabaaf daawwachuuf jiran Ispeeyinitti qajeelan.

Har’a, Prezidaantii Gumii Awurooppaa – Donaald Taaskii fi Prezidaantii Koomishina Awurooppaa Jean-Claude Juncker wajjiin walga’anii ka dubbatan – Prezidaant Obaamaan, akka Waayit Haawus, ibsa sirnaa kenneen jedhutti – haala itti Briteen gara nagaa fi mucuucaataa ta’een Gamtaa Awurooppaa keessaa baatutti hoogganoota lameen waliin dubbatan.

Walga’ii NATOtti ammaa kana irratti, waa’een Briteen, Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uu yeroo marii bal’aa fudhatu ta’uun dubbatame iyyuu – waa’ee haleellaa shororkeessotaa Islamic State fi waa’een cunqursaa Raashiyaa Ukireeen keessaa Awurooppaaf dhimmoota yaaddessoo xiyyeeffannaa

Your browser doesn’t support HTML5

Obaamaa: Waa’een Briteen Gamtaa Awurooppaa Keessaa Bu’uu Walga’ii NATO Dilallaawaa Taasisa