Miseensooni fi Hogganni Paartii Akka Hikamaniif Iyyanne: Paartii Mormituu

Kaartaa Itoophiyaa

Jaarmayaan tokkummaa guutummaa Itiyoophiyaa miseensoonni fi hoggana paartiichaa keessaa 13 hidhamuu beeksisee jira. Kunis bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa magaala Saawulaa keessatti hojii paartii irratti bobba’anii ituu jiranii qabamuu isaani ibsamee jira. Yeroo ammaatti buufata polisii magaalaa Saawulaa keessatti hidhamanii akka jiran akka gadhiifaman gochuufis Komaand postitti har’a iyyata galfachuu isaa paartiin kun beekaisee jira.Gama kaaniin waajiira komunikeeshinii bulchiinsa naannoo uummattoota kibba Itiyoohiyaaf itti gafatamaa kan ta’an Oboo solomom Haaylu jarreen 13 hidhamuu isaanii odeeffanno qabna kan hidhaman haala nageenyaa waliin wal qabatee malee paartii waliin waan wal qabatu miti jedhu. Dhimmi isaanis qoratamaa jira jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Miseensoonni fi Hogganni Paartii Akka Hikamaniif Iyyanne: Paartii Mormituu